Playing Next....


      Bilillee | Andualem Gosa | New Oromo Music Video 2024



      ✔️ Click Here for More Musics

      Andualem Gosaa

      Yeedaloo: Andualem Gosaa, Takkaaleny Tasfaa fi Uummataa
      Walaloo: Lalisaa Indiris Adam

      BILILLEE

      Shaggarii ulaan shan banaadha, banaadha
      Essarraan ba'een si barbaada, barbaada
      Faana kee arguun na dhamaase, dhamaase
      Karri baayyachuun na qormaate, qormaate

      Bareedduu qalloo masaakulaa
      Kolfituun naatoo nyaara kuula
      Milluu tokkichatiin na laaltee
      Budaan jaalalaatu na nyaate


      Hiriyaa gaafannaan maqaashii
      Badhaadha naan jette abbaanshii

      ..... Magaallinashee

      Hidhannoo jaalalaa guuttattee
      Qalbii too boojitee gugatte

      ..... Magaalinashee


      Biliille -
      mormi bilillee taakkuu guuta safarrisaa
                               Qalbi fuudha bareednisaa

      Akkuma addeessa,
      Dukkana keessa, ijisheetu ifa-biifaa
                                      Jaalalatu irraa tiifa

      Namnillee -
      Namni tokkollee, miirakoo naaf hin hubannee
      Olmaashees natti hin dubbannee

      Salaalee keessaa, barraakkoo keessaa mogormoo bachoon ofgeessa
                       Jaalaltoo lafa naannessaa

      Boora fardakoon
               Galaa hidheen faanakee dhahaa
               Kutee kuyyuufi Qarree Gohaa

      Koo Galaan dhume
                Asan jira kottu naan jedhi
                Dagamirraan gara kee loha


      Yaa magaala koo
                    Darroo bu'uu bu'e dhuuguumaa
                    Ijatu siyyuu hin agarreef malee

      Dimbilaala koo
                 Si yaadullee, du'e dhugumaa
                 Iyyat' tulluu hin dabarreef malee  

      Mucayyoo qalloo, warra kuraa jiddaa,
      Mullaadhu maaloo, jaalala maa didda
      Mutuluu Rayyaa ,ayyaana abbaa keetii
      Nu tulluu yaayyaa, warra gullalleeti

      Hariiro dhaqee qe'ee warra Jaarsoo
      Jaarsan ergadha natti himimee teesso
      Adalgee gubbaa ee badhaaneet iyyaa,
      an dhabee ijaaf, way magaallee tiyyaa!

      Mallattoon himadha, maaloo naaf birmadhaa kottaa na gargaara, barbaadumashee

      ..... Magaallina shee

      Kanshee mallattoonii, miidhagdudha adda,  jaalalaa biftishee, tumaadha irgishee

      ..... Magaallina shee

      Boontudha koortudha, akkuma abbasheeti, nyaararra jabaattii, migira mudhiinii

      ..... Magaallina shee

      Wallaalchisa hin qabdu, ijuu irra in dabartu, argitan ni bartu, burree shinshinniini

      ..... Magaallina shee

      Kottee farda kooti,
          Yaadaan kutee darbee
             ija keen barbaada - shaggee
      Ayyaanomee utuuman si argee


      Maaloo naaf owwaadhu
      Jiruuf suman gaada
      Lubbuufan si yaada - shaggee

      Shaggee tiyya maaloo shagge


      Arganii dhabuuni, akka dhukkubaati, gaabbi nama kaa'a, waliin nama dha'aa

      ...barbaadumashee....

      Barbaadamuu barte, riphxe narra hin dheessin, jooree si dhabuunkoo, xuurii sitti ta'aa

      ......barbaadumashee........

      Kankoo si godhachuuf, ofitti murteesse, karra banaa dhiise, ergan ba'ee takkaa

      ......barbaadumashee........

      Milli na qallattus, si argachuun murtoodha, of duuban milladhu, gara abbeetiin dhaqa

      ......barbaadumashee......

      Hambaa dhibaayyuu burqaa torban ashee
      Hin jiru waayyuu, ejjetni faana kee
      Xiixaa moo ekkaa, kamiin ol yaabbadhu
      Fixan waabeekaa, eenyu si gaafadhu

      Dhibee jaalalaa, iji ilaalee hin argu
      An siif dhibame, bara dhufee darbu
      Nyamariin gama, yoo darbes gamasuu
      Nat hiimi nan dhufa an fayyee garasuu

      Show more

      Playing Next