"NAGAA BUUSAA" SURA. T feat. Hawwii H. Qananii #musicvideo #sewasewmultimedia
✔️ Click Here for More
Musics
#surat #booree #nagaabuusaa #musicvideo #sewasewmultimedia
SURA. T's latest music video "NAGAA BUUSAA" with amazing featuring from the beautiful Hawwi. Qananii, from his upcoming album "BOOREE" is coming your way.
-----------------------------------------------------------------------------------------------------------------------
Haa turu inni kaan
Tokko jira dhugaan
Addunyaa dha ragaan
Hundaa caala nagaan
Walitti duullee walgajaanee
Arginee jirra wanna taane
Jaalala waliif yoo qabaanne
Fuulduratti deemna jabaannee
Yaa rabbi nuu buusi nageenya
Garaa hin jabaatin akka keenya x2
Laga hedduu darbinee
Gaara hedduu jigsinee
Lola hedduu cabsinee
Yericha hamaa waliin obsinee
Dubbiiisa yaraa waliif dhoksinee
Dukkana sabaa waliin ibsinee
Biiftuu ba'uu yaaddee turte dukkaneessine
Har'a maaliif hamaa walii yaadna
Akka diinaa quba walitti nyaanna
Wal hammeessuuf olii gadi kaanna
Nuu wayya walitti aaruurra wal gargaaruu
Waldiiguurra walii dhiiguu
Wal cabsuurra walii obsuu
Waan abbaan har'a hojjetu ilmi boru dhaala
Beekaan balleessee akkamiin komata wal'aala
Of eeggachaa sirbaa iji hunduu nu laala
Yoo shira dhiifnee gaarii walii yaadne
Teegnus waliini kaanus waliin kaane
Eenyutu nu dhaaba mee yoo tokko taane
Nagaa Buusaa
Namasaaf lafasaaf
Alasaaf manasaaf
Bosonaaf lagasaaf
Biyyasaaf sabasaaf
Jarana maaloo
Mee nagaa buusaa
Miilla mirgaan gara duraatti
Miilla bitaan gara duubaatti
Kun akkamittiin gaara nu baafti
Falli biraa hin jiru alaa hin eegina
Sirna hundaa furu gadaatti deebina
Tulluutti geessina waaqatti kennina
Haadha siinqee ko nudura deemi
Si dhageenyaa mee kottu olseeni
Abbaa gadaa nagaan nu ceesisi
Jaarsa biyyaa kottu nu eebbisi
Hayye
Eenyu kan nagaa fedhu mee nawaliin haa jedhu
123 me nagaa buusaa
Namasaaf lafasaaf
Alasaaf manasaaf
Bosonaaf lagasaaf
Biyyasaaf sabasaaf
Jarana maaloo
Mee nagaa buusaa
-----------------------------------------------------------------------------------------------------------------------
ምንም አይነት ቪዲዮ እንዳያመልጥዎ ሰብስክራይብ ያድርጉ እና ማሳወቂያዎችን ያብሩ 🔔
Subscribe and turn on notifications 🔔 so you don't miss any videosadmin
ይህን ሊንክ በመጠቀም ሰዋሰው መተግበሪያን ያገኙታል 📱
Use this link to get Sewasew Multimedia 📱
https://onelink.to/mubp9y
ከእኛ ጋር ጊዜዎን ይቆዩ | Stay Connected with us
Facebook : https://www.facebook.com/sewasewmultimedia
Instagram : https://www.instagram.com/sewasewmultimedia
Linkedin : https://www.linkedin.com/compa....ny/sewasew-multimedi
Twitter : https://twitter.com/sewasewMmedia
Tiktok : https://www.tiktok.com/@sewasewmultimediaet
YouTube : https://www.youtube.com/@sewasewmultimedia
Telegram : https://t.me/sewasewmultimedia
#sewasew #sewasewmultimedia #creativity #ignitingcreativity #creativeeconomy
Unauthorized use, distribution, and re-upload of this content is strictly prohibited
Copyright 2023, ©Sewasew Multimedia. All rights reserved.
Show more
