"DHEEBUU" SURA. T #visualizer #sewasewmultimedia
✔️ Click Here for More
Musics
#dheebuu #surat #afanoromo #hippop #sewasewmultimedia
-----------------------------------------------------------------------------------------------------------------------
Jaallan koo bakka maraa jirtani
Akkam jirtu nagaa kiyya anii
Yeroo dheeraaf sossobee ofiikoo
Muuziqaaf jecha dhiisee hojiikoo
Kunoo murteessee artiitti seenuuf qopheeffadhee yeedaloo
Hip popiin taphadha Afaan Oromootiin barreeffadhee walaloo
Jechoota afaan keenyaa walitti qindeessee
Duraaf duuba naqee wal cina tarreesse
Seerluga isaa eegee
Galumsasaa beekee
Ergaa isaa qeeqee
Loqoda bahaa fi oromiyaa kaabaa
Kan kibbaa fi lixaa itti hirkisee dhaabaa
Kuusaa jechaa seenee
Jechoota funaanee
Takka walitti hodhee walitti rarraasee
Yeroosheen ta’uu diddu walittii tarsaasee
Sagalee bareedaan waamee qabbaneessee
Afaan oromootiin hip popi qopheesse
Dhaggeeffataa mara gurra itti bobeesse
Laal!
Dhalootni hip pop dhaaf ala akka hin eegnee
Afaansaatiin dhabee ganda akka hin deemne
Haalan mijeessa
Madaalan sirreessa
Loogiif gaabbii barootaa
Yookiin gaaffii oromootaa
Dheebuu artii namootaa
Afaan isaanii galuunin boohaarsa dhalootaa
Ani kan na raaju
Yeroon beekaa callisu, tuffii qabdi jedhu
Yoon afaan koo banadhu, dubbii natti fe'u
Yeroon hamuummadhu, suusiin qaba se'u
Ani bar suusiif miti artiifan hamuummadha
Qorrasaan dadhabe muuziqaan haguuggadha
Yeroon afaan kootiin raappii dhangalaasu
Jechoota midhagoo toora galchee yaasu
Rukuttaa muuziqaan dibbee gurraa raasu
Ni mi’oofti waanshee jedhanii hasaasu
Itti nuu dabalii jechuun na kakaasu
Namuu ni dhaggeeffata itti ta’ee naasuu
Namni kaan walaloosaa raajeffata
Inni kaanis ergaasaa qalbeeffata
Sagaltamii sagal dhaggeeffata
Dargaggeessi heedfooni cuqqaallata
Shamarran hundasaaniitu jaallata
Dhimmichi nama mara ilallata
Gurbaan kun maal jedhaa naa galuu didewoo, Jetti harmeen
Ani maalan beekaa nutti namatti tolawoo, Jedha abbayyeen
Dhokatee dhaggeeffata namni baay’een
Kan biraa hin dhaggeeffadhu jetti ijoolleen
Waamanuu hin dhaga’u inni foolleen
Jaalalli muuziqaa hooda fala fidee
Takka na dhiisee ture boodana na dide
Irraanfadheen ture natti haa hafu jedhee
Hundumasaa dhiisee jiraachuuyyuu fedhee
Didee natti hammaata akkuma ciniinsuu
Tuqee na dammaqsa bakka ani ciisuu
Gubee na qaammata akkamitti dhiisuu
Waggaa kudhan ergan yaaduu eegaleetii
Amma nan murteesse dubbiin naa galeeti
Harka kenniin morma na qabeetii
Harka kennee sokke yaalee dadhabeeti
Xinnaa fi guddaa hin jedhu hundumaan kabaja
Wanta gaarii gochuudhaaf hin eegu ajaja
Oduu ganda keessaaf ani hin qabu haajaa
-----------------------------------------------------------------------------------------------------------------------
ምንም አይነት ቪዲዮ እንዳያመልጥዎ ሰብስክራይብ ያድርጉ እና ማሳወቂያዎችን ያብሩ 🔔
Subscribe and turn on notifications 🔔 so you don't miss any videos
ይህን ሊንክ በመጠቀም ሰዋሰው መተግበሪያን ያገኙታል 📱
Use this link to get Sewasew Multimedia 📱
https://onelink.to/mubp9y
ከእኛ ጋር ጊዜዎን ይቆዩ | Stay Connected with us
Facebook : https://www.facebook.com/sewasewmultimedia
Instagram : https://www.instagram.com/sewasewmultimedia
Linkedin : https://www.linkedin.com/compa....ny/sewasew-multimedi
Twitter : https://twitter.com/sewasewMmedia
Tiktok : https://www.tiktok.com/@sewasewmultimediaet
YouTube : https://www.youtube.com/@sewasewmultimedia
Telegram : https://t.me/sewasewmultimedia
#sewasew #sewasewmultimedia #creativity #ignitingcreativity #creativeeconomy
Unauthorized use, distribution, and re-upload of this content is strictly prohibited
Copyright 2023, ©Sewasew Multimedia. All rights reserved.
Show more
