Playing Next....


      Keol Negesa - EDAA - New Ethiopian Oromo Music 2025 (Official Music Video)



      ✔️ Click Here for More Musics

      HM:- Keol Negesa - EDAA - Ethiopian Oromo Music (Official Music Video)

      Stay Connected With Us
      https://www.instagram.com/harmonymultimediaplc
      https://m.facebook.com/harmonymultimediaplc
      http://www.tiktok.com/@harmonymultimediaplc

      #keolnegesa #ethiopianmusic #oromomusic #neworomomusic #edaa

      Walaloo Sirba Kee'ol Naggasaa "EDAA"Jedhu
      ......................................................
      Xiiqeffattuu Fakkeenya Nama
      Giiftii Gola Obsaaf Jaalaala
      Namaa Sa'atu Sibeeka Kankee
      Kan Siwallaale Maaltu Jira
      An Si argachuu qofaanan gammadee
      Ofqofa Jaalachaa Si Fedha
      Argachuu Qofti Qabaachuu Miti
      Aha aha aha qabataniit qabaatu Edaa
      Ceesisa 1ffaa
      ........................
      Jaalalaaf Durakoo Gad-jettee
      Beekaa Akka Wallaalatitti
      Utuu Anaaf Anaan Rakkattuu
      Hundumakoo Ba'aa Obsitee
      Badii Kankoo Kankee Godhattee
      Utuu Kankoo Ta'uuf Hargantuu
      Maalinni Kookuni Gochikoo
      Badiin Badiirra Caale Kuni
      Akka Hindeebinettan Si Arge
      Bu'aan Naharkaa Dhabe Gaabbuni
      Ceesisa2ffaa
      .......................
      EDAA: Gaabbii Fala Fixxen Gaabbe
      EDAA: Qaatan Barfadhe
      EDAA: Adabbiitu Of nabarsiise
      EDAA: Of irraanfadhe
      EDAA: Simiidhuu Kiyyatu Namiidhe
      EDAA: Naangalle Ana
      EDAA:Hamman gahu an of hin beekne
      EDAA: Hammi Koo Kanaa
      Ceesisa 3ffaa
      ..........................
      Edaa, Edaa: Sittii Miti
      Edaa ofittan Mataa Jabaadhe
      Edaa, Edaa: Sittii Miti
      Edaa Ofittan Garaa Jabaadhe
      Edaa,Edaa Najaalatteetan
      Edaa Sijaalachuu Wallaale
      Edaa,Edaa Na Obsiteetan
      Edaa Si Oolfachuu Wallaale
      Yeroo irraa deebi'u Marsaa Lammaffaa
      ........................
      Ceesisa 1ffaa
      ........................
      Holqa ta'eet Na Eege Mannikoo
      Mana Natti Fakkaachuu dide
      Ergan Guyyaa boroo Sidhabe
      Gar-jabeenya Dhugaan tee Qabdunan
      Gar-jabeenya Kankoo Hubadhee
      Ofitti Araaramuu Dadhabe
      Eenyun Komadha Harkuma koon
      Ofumaan of Harkaa Sibaasee
      Kan Sibeeke Si kunuunfatee
      Mana isaa Nagaa Badhaase
      Ceesisa 2ffaa
      ..................
      EDAA: Gaabbin koo Silaa Kaleessa
      EDAA: Gaaf Nakadhattu
      EDAA: Ati Har'a Dhangaa Namaati
      EDAA: Mana koo Hin jirtu
      EDAA: An Sinbeeku Situ Nabeeke
      EDAA: Kutte Nabiraa
      EDAA:Guyyaan waan heeddudha baata
      EDAA : Kana Faatu Jira
      Ceesisa 3ffaa
      .........................
      Edaa, Edaa: Sittii Miti
      Edaa ofittan Mataa Jabaadhe
      Edaa, Edaa: Sittii Miti
      Edaa Ofittan Garaa Jabaadhe
      Edaa, Edaa: Of Jaalachuu Koon
      Edaa Akkan Of Jibbe hin beekne
      Edaa, Edaa: Sitti oljechuu koon
      Edaa Akkan Gad-jedhu hin beekne…


      Make sure to subscribe to Harmony Multimedia and turn on notifications to stay updated with all new uploads!

      Any unauthorized use, copying or distribution is strictly prohibited.

      Harmony Multimedia PLC ©All Rights Reserved.

      Show more

      Playing Next